Fana: At a Speed of Life!

Barattoonni kumni dhibbi 5 fi kumni 46 ol qormaata kutaa 8ffaa ni fudhatu – Biiroo Barnoota Oromiyaa

Finfinnee, Caamsaa 20, 2013 (FBC) – Biiroon Barnootaa Oromiyaa qormaata kutaa 8ffaa bara 2013 barattoota kuma dhibba 5 fi kuma 46 ol qoruuf qophii xumuruu beeksiiseera.
Biirichi barattoota kuma dhibba 5 fi kuma 46 fi 102 qormaata kutaa 8ffaa qoruuf qophii xumuruu Itti aanaa Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Obbo Efreem Tasammaan ibsaniiru.
Akka OBN gabaaseetti, manneen barnoota kuma 9 fi 206 keessatti qormaanni kan laatamu ta’uu ibsaniiru.
Qormaanni kutaa 8ffaa bara kanaa Manneen Barnootaa naannoo Oromiyaa hunda keessatti Waxabajjii 8 – 10, 2013tti kan kennamu ta’uu obbo Efreem dubbataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.