Fana: At a Speed of Life!

Bashir Aal Aasaad Muummee Ministiraa Iimaad Kaamiis aangorraa kaasan

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2012 (FBC) – Preezdaantiin Sooriyaa Bashir Aal Aasaad Muummee Ministiraa Iimaad Kaamiis aangorraa ari’an.
 
Bara Faranjootaa 2016 eegale aangorra kan turan Muummeen Ministiraa Iimaad Kaamiis sababa maaliin aangorra akka kaafaaman wanti himame hin jiru.
 
Qaala’iinsi diinagdee biyyattiitti daraan hammaachaa akka jiru ragaaleen ni muul’isu.
 
Yeroo ammaatti magaalaa Suuweeydaatti Bashir Aal Aasaad aangoo akka gadi dhiisan hiiriirri mormii gaggeeffamaa jiraachuu eerrameera.
 
Hiriira gaggeeffamaa jiru kana keessatti deeggartoonni isaallee hirmaataa jiru jedhame.
 
Bashir Aal Aasaad garuu qoqqoobbii biyyoota Dhihaan irra kaa’eme abaaraa jiru.
 
Ameerikaan gama isheen waggoota 9 waraana wal waliinii bulchiinsa Bashir Aal Aasaad keessatti gaggeeffame qaamoolee deeggaranirratti tarkaanfii haaraa akka fudhattu akeekkachiifteerti.
 
Waraana wal waliinii Sooriyaatiin yoo xiqqaate lubbuun lammiilee nagaa kuma dhibba 3 fi kuma 80 ol gaaga’amuu dubbatameera.
 
Maddi:-BBC
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.