Fana: At a Speed of Life!

Beenishaangulitti hoggantoota olaanoo fi giddugaleessaaf leenjiin kennamuu eegale

Finfinnee, Caamsaa 14, 2015 (FBC)- Naannoo Beenishaangul Gumuzitti hoggantoota olaanoo fi giddugaleessaaf leenjiin ijaarsa dandeettii kennamuu eegaleera.

Leenjichi dandeettii raawwichiisuummaa hoggantootaa guddisuun qormaatilee mudatan dandamachuun imala badhaadhinaa hunda galeessaa itti fufsiisuuf kan kaayyeffate ta’uu ragaan kominikeeshinii naannicharraa argame ni mu’isa.

Dabalataan, waltajjichi dandeettii fi hubannoo hoggansaa sadarkaan jiru guddisuun rakkoolee misoomaa fi bulchiinsa gaarii ummata irraa ka’an furuuf gahee hoggantummaa akka bahatan kan taasisuudha jedhameera.

Leenjichi torban tokkoof kan turu ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.