Fana: At a Speed of Life!

Beenishaanguul Guumuuzitti sirreeffamtoota seeraa 300f dhiifamni taasiifame

Finfinnee, Eebila 9, 2013 (FBC) – Naannoo Beenishaanguul Guumuuzitti sirreeffamtoota seeraa 300f dhiifamni taasiifamuu ibsameera. .

Namoonni kunneen kanneen adabbii isaanii 1/3 xummuratan ta’uu ibsameera.

Sirreeffamtoonni dhiifamni taasiifameef kanneen yakka hannaa, reebichaa, ajjeechaa fi kanneen biroo raawwachuun adabbiin baatii hanga waggaa 20 itti murtaa’ee ture ta’uu himameera.

Haala nageenyaa fi namuusa mana sirreessaa keessatti agarsiisaniin Boordiin Dhiifamaa naannichaa kanneen adabbii isaanii 1/3 xummuratan akka dhiifamni taasiifamuuf murtoo dabarseen ta’uu himameera.

Maddi:-TOI

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.