Fana: At a Speed of Life!

Bifuma qabsoo dirree waraanaatti taasisaa jirruun hojiilee idileerrattis onnee fi xiiqii walfakkaatuun hojjechuu qabna- Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Sadaasa 25, 2014 (FBC) – Bifuma qabsoo dirree waraanaatti taasisaa jirruun hojiilee idileerrattis onnee fi xiiqii walfakkaatuun hojjechuu qabna jedhan kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee.

Komishiniin Pilaanii fi Misoomaa raawwii hojiilee idileerratti gabaasa erga dhiyeesseen booda haala dhimmoota yeroo biyyaalessaa fi magaalotaarratti marii gaggeesseera.

Marichaarratti kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen rakkoo birmadummaa nu mudate qolachaa fi  waraana gama diinagdeen nurratti baname injifachuu dabalataan  hojiilee idilee gaggeessuu qabna jedhan.

Waraana diinagdee injifachuuf hojii idilee galii walitti qabuu fi gabaa tsagabbeessuuf hojii dhiyeessii oomishaan bu’aan gaariin argame dhaabbilee biroorratti cimee itti fufuu akka qabu kaasaniiru.

Finfinneen xiyyeeffannoo humnoota badii wayita taatee jirtutti hawwii isaanii fashaleessaa hojiileen idilee yeroo kaa’ameefitti akka  raawwatamaniif hojiileen hordoffii fi deeggarsaa hojjetaman bu’a qabeessa ta’uu ibsaniiru.

Injifannoowwan adda waraanaa garaagaraatti argamaniin humni weeraraa Ityoophiyaa jilbeenfachiisuu akka hin dandeenye dhaloonni kun qabatamaan argisiisuu eeraniiru.

Akka biyyaatti haleellaa nurratti aggaamame qolachuuf deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi qaamolee nageenyaa biroof taasisaa turreen seenaa dhaloota kanaa barreessineera jedhan.

Qaama dhaloota kanaa ta’uu keenyaafis boonuu qabna jedhaniiru.

Injifannoo argame itti fufsiisaa waraana Ityoophiyaan dirqamtee itti seente injifannoon akka goolabduu fi bakkeewwan barbadaa’an deebisanii dhaabuunii fi lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an gara jireenya isaanii duraatti deebisuuf hojii idileen cinatti deeggarsi eegalame cimee itti fufuu akka qabu yaadachiisuu isaanii ragaan Waajjira Seekretariyaat Preesii magaalichaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa

argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com

/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.