Fana: At a Speed of Life!

Biirichi aanaalee buna baay’inaan oomishan 16’f konkolaataa deeggarsaan laate

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2013 (FBC) – Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa aanaalee buna baay’inaan oomishan 16’f konkolaataa deeggarsaan laateera.

Deeggarsa kanas proojektii Gamtaa Awurooppaa deeggarsa oomishaa fi qulqullinaaf taasisu EU-CAfE irraa Yuuroo Miiliyoona 8 argatedha.

Hoogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa Obbo Dhaabaa Dabalee, Proojektiin kunis waggaa 4’f kan turu yoo ta’u, baajatni kun bittaa konkolaataa, maashinoota bunaa ittiin guutuu fi teeknoloojii babal’isuuf oolaa jedhaniiru.

Akka biyyaatti oomisha bunaa oomishamu keessaa Oromiyaan %70 qooddatti kan jedhaniiru.

Deeggarsi argame kun karoora qabame milkeessuuf gahee guddaa qabaachuu dubbachuun, qaama deeggarsicha taasisees galateeffatan.

Akka Oromiyaatti ganna kana biqiltuun bunaa Biliyoona 1 dhaabamaa jiraachuus himan.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.