Fana: At a Speed of Life!

Biirichi buufataalee boba’aa raabsaa boba’aarratti rakkoo uumaniif kan hin obsine ta’uu beeksise

Finfinnee, Bitootessa 22, 2014 (FBC) – Biiroon Daldalaa magaalaa Finfinnee buufataalee boba’aa raabsaa boba’aarratti rakkoo uumaniif kan hin obsine ta’uu beeksiseera.

Biirichi magaalichatti hanqina boba’aa muudaturratti abbootii qabeenya buufataa boba’aa waliin marii taasiseera.

Marichaanis mootummaan oomishaalee sharafaa alaa olaanaa itti argamsiisuu keessaa inni tokko boba’aa waan ta’eef kanaanis rakkoon dhiyeessii kan hin jirre ta’uu ibsameera.

Yaa ta’uu malee raabsaan walqabsiisee hanqinni muudachuu beekameera.

Raabsaan walqabsiisee buufatalee boba’aa tokko tokko faayidaa hin mallee argachuuf rakkoo fi burjaajjii uumanirratti tarkaanfii kan fudhatamuu ta’uu ibsameera.

Hogganaan Biiroo Daldalaa magaalaa Finfinnee obbo Adaam Niiruu waltajjiicharratti haasaa taasisaniin, raabsaan walqabsiisee rakkoo buufataaleen boba’aa uumaniin ta’uu himaniiru.

Biirichi buufataalee boba’aa raabsaa boba’aarratti rakkoo uumaniif kan hin obsine ta’uu beeksisuu ragaan waajjira kantiibaa magaalaa Finfinneerra argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.