Fana: At a Speed of Life!

Biirichi lammiilee sababa balaa lolaan buqqa’aniif deeggarsa taasiise

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2014 (FBC) – Biiroon Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Naannoo Ummattoota Kibbaa Godina Oomoo aanaa Dasanachitti lammiilee sababa balaa lolaan Qa’ee fi Qabeenya isaanirraa buqqa’aniif deeggarsa taasiiseera.
Deeggarsa akaakuu Birrii miiliyoona 4 olitti tilmaamamu taasiisuu ibsameera.
Godinichatti kutaalee hawaasaa kuma 63 qa’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’an keessa % 80 dubartootaa fi daa’imman ta’uu Itti Gaafatamtuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Naannoo Kibbaa Aadde Bayidiin Mundiinoon dubbataniiru.
Balaan lolaa sababa laga Oomoon bara baraan hawaasarra qaqqabu hanga waaraan furamutti deeggarsa yeroo taasiisuun murteessaa ta’uu eeruu isaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Naannoo Kibbaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.