Fana: At a Speed of Life!

Biirichi oomisha jallisii qamadii marsaa 3’n misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona 28 ol walitti qabuuf hojjetamaa jiraachuu ibse

Finfinnee, Sadaasa 21, 2014 (FBC) – Biiroon Qonnaa Oromiyaa oomisha jallisii qamadii marsaa 3’n misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona 28 ol walitti qabuuf hojjetaamaa jiraachuu ibseera.

Naannichatti jallisii qamadii marsaa 1ffaan lafa heektaara kuma 350 misoomsuun kuntaala miiliyoona 17.5 argachuuf karoorfamuu, Gorsaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Zayyadaa Tashoomaa himaniiru.

Marsaa 2ffaarraa heektaara kuma 350 misoomsuun oomisha kuntaala miiliyoona 17.5 argachuu karoorfamuusaa himaniiru.

Marsaa 3ffaarraa lafa heektaara 2,580 irratti qamadii jalliin misoomsuun callaa kuntaala 10.5 argachuuf karoorfameera jedhan Obbo Zayyadaan.

Biirichi bara kana galmoota gurguddoo afur irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiru keessaa oomisha dachaan dabaluu, wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu, carraa hojii uumuufi dhiyeessii al-ergii oomishaalee qonnaa dabaluuf hojjetaa jiraachuu Obbo Zayyadaan himuusaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaarra argamee ni muul’dhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.