Fana: At a Speed of Life!

Birriin seeraan ala garee ABUT darbuuf ture miiliyoonni 1.2 to’atame

Finfinnee, Adoolessa 30, 2014 (FBC) – Birriin karaa seeraan alaa Finfinnee ka’uun naannoo Tigiraay seenuuf ture miiliyoonni 1.2 eeruu ummataan to’atame.

Maallaqichi shakkamaa lammii alaa ta’e waliin naannoo Afaar magaalaa Samaraatti to’atamuu Poolisiin Federaalaa beeksiiseera.

Shakkamichi maqaa Invastimantiin qaama konkolaataa Doolfin jedhamu keessa keessa dhoksuun wayita dabarsuuf ture hordoffii Poolisii Federaalaan to’annoo jala ooluu danda’eera.

Maallaqni to’atame kaayyoo biyya diiguuf garee ABUT raawwachiisuuf seeraan ala dabarfamuuf kan ture ta’uu qorannoo gaggeeffameen mirkanaa’uu eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.