Fana: At a Speed of Life!

Bitootessi Baatii Obbolummaa Sabdaneessaa Mirkaneessedha-Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Bitootessa 22, 2016 (FBC)-“Baatiin Bitootessaa Baatii Obbolummaa Sabdaneessaa Mirkaneessedha jedhan Pireezidaantiin Ittaanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin.

Fiigichi Guddichi eegaluu ijaarsa Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa waggaa 13ffaa Magaalaa Shaggaritti gaggeeffameera.

Saganticharratti Pireezidaantii Ittaanaan Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin haasawaa taasisaniin, baatiin bitootessaa baatii injifannoo itti gonfanne ta’uun, baatichi obbolummaa sabdaneessaa, walqixxummaa sabaaf sablammoota, federaalizimii dhugaa, jaalalaafi tokkummaa kan mirkaneessedha jedhan.

Kana malees baatii walqixummaan saboota itti mirkanaa’uu eegale, baatii ce’umsa diinagdee nyaataan of danda’uurra dabarree hojjennee alatti erguu danda’uu mirkaneesse ta’uu kaasan.

Inisheetiiviiwwaan oomisha qamadii, muuzii fi ruuzii akkasumas horsiisa loonii fi lukkuun bu’aan argamaa jiru bu’aa baatii kanaa ta’uu eeruun Pirojektii guguddaa keessattuu sabboonummaa Oromoo mirkaneessaan barnootaan, diinagdeen ijaaruun danda’amuu himaniiru.

Hidha Haaromsaas hirmaannaa uummataan sadarkaa yeroo ammaa irratti argamurraan ga’uun kan dana’amee bu’aa baatii kanaa ta’uu kaasuu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.