Fana: At a Speed of Life!

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa jijjiirrama teessoo fi naannoo filannoo naannolee fi bulchiinsa magaalotaa kan hin fudhanne ta’uu beeksise

Finfinnee, Amajjii 12, 2013 (FBC) – Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Ityoophiyaa filannoo marsaa 6ffaa biyyaalessaan walqabatee jijjiirrama teessoo fi naannoo filannoo naannolee fi bulchiinsa magaalotaa kan hin fudhanne ta’uu beeksise.

Teessoo fi naannoon filannoon akka jijjiirramuuf bulchiinsi magaalaa Finfinnee, bulchiinsi mootummaa naannoo Afaar, naannoon Kibbaa fi bulchiinsi mootummaa naannoo Gaambeellaa gaafataniiru jedhame.

Akkaataa labsii Filannoo, galmee paartilee siyaasaa fi namuusa filannoo lakkoofsa 1162/2011 keewwata 7 muraa 4 tiin murtoon teessoo fi naannoo filannoo jijjiiruun kan laatamu galmee kaadhimamtootaa baatii 6 dursee akka ta’uu qabu tumamuu boordichi ibseera.

Haaluma labsichaan galmee kaadhimamtoota baatii 6 dursee kan hin dhiyaannee teessoo mana maree fi jijjiirrama naanoo filannoo kamiiyuu kan hin keessummeessine ta’uu boordichi ifoomseera.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Ityoophiyaa filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa haaluma filannoon biyyaalessaa bara 2007 gaggeeffameen baay’ina teessoo fi naannoo filannoo tureen kan raawwachiisu ta’uu ibseera.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Ityoophiyaa filannoon marsaa 6ffaa biyyaalesaa Caamsaa 28, 2013, kan bulchiinsota magaalaa Finfinnee fi Dirree Dawaa ammoo Waxabajii 5, 2013 kan gaggeeffamu ta’uu beeksisuun ni yaadatama.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.