Fana: At a Speed of Life!

Bu’aan madaallii sadarkaa Hoteelotaa ifoome

Finfinnee, Bitootessa 19, 2016 (FBC)-Ministeerri Tuuriizimii ulaagaa dirqamsiisaa Dhaabbata Tuuriizimii Addunyaan kaa’ame kan guutan bu’aa ramaddii Sadarkaa Urjii Hoteelota 31 ifoomseera.

Madaalliin Hoteelota 64 bara 2014 fi 2015 taasifame keessaa hoteelonni 7 sadarkaa Urjii 4 kan argatan yoo ta’u, Hoteelota sagal ammoo sadarkaan Urjii 3 kennamuun eerameera.

Akkasumas hoteelonni shan Urjii 2 yoo argatan hoteelonni shan ammoo sadarkaa Urjii 1, Hoteelonni lama ammoo sadarkaan gadi ta’uun ibsameera.

Hoteelonni kunneen Magaalaa Finfinnee, Bishooftuu fi Adaamaatti kan argaman ta’uun himameera.

Ministirri Tuuriizimii Ambaasaaddar Naasisee Caaliin, ramaddiin sadarkichaa hoteelonni ga’umsa tajaajila sadarkaa Idil Addunyaa akka kennan taasisuu bira darbee, biyyoota morkattootaa waliin akka dorgoman kan taasisuudha jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.