Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsa magaalaa Sabbataa Ganda 04 Naannoo masjiidaa Mahaammad Rajaatti Fanjiin xamadamee eeruu ummataatiin fashalaa’e

Finfinnee, Sadaasa 16, 2013 (FBC) – Bulchiinsa magaalaa Sabbataa Ganda 04 Naannoo masjiidaa Mahaammad Rajaatti Fanjiin xamadamee eeruu ummataatiin fashalaa’e.

Shirrii kunis Masjiida barbadeessuudhaaf kan kaayyeeffame ta’u isaa Itti Gaafatamaan Bulchiinsaa fi Nageenyaa Ganda 04 obbo Birhaanuu Tarreessan ibsaniiru.

Badiin kunis kan fashalaa’e eeruu poolisii hawaasaatin ta’u isaas obbo Bihaanuun hiamniiru.

Akka waajjirri kominikeeshinii bulchiinsa magaalaa Sabbataa beeksisetti,ummaatni yeroo kamiyyuu caala naannoo isaaa eeggachu akka qabuu fi shakkii qabu beeksiisuu akka qabu akkasumaas to’aannoo cimaa akka taasisuu dhaamaniirru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.