Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee hojjetaa mootummaa naannolee kamiitifuu mana waliin jireenyaa hin hirre jedhe

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2012 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee hojjetaa mootummaa naannolee kamiitifuu mana waliin jireenyaa hin hirre jedhe.
 
Oduun dhimmicharratti tamsa’es olola jedheera.
 
Manni jireenyaa waliinii namoota seeraan galmaa’aniif malee hojjettoota naannolee fi namoota dhuunfaaf hojimaatni ittiin kennamu hin jiru jedheera.
 
Carraa 13ffaadhan manneen ba’an, kan rakkoon daangaa irratti hin ka’in abbootii carraatif dabarfamaa jiraachuu bulchiinsi magaalaa Finfinnee beeksiseera.
 
Dheengaddaa eegalee furtuun laatamaa kan jiru yoo ta’u, torbee lamattis adeemsichi ni xumurama jedheers.
 
Ummannis ololarraa akka of eegu gaafateera
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.