Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee maatii duultootaaf kennaa ayyaanaa laate

Finfinnee, Muddee 27, 2014 (FBC) – Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee ayyaana Qillee sababeeffachuun maatii duultootaaf horii qalmaa fi midhaan nyaataa kennaan laateera.
Kaatibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee maatii duultootaa kuma 1 fi 448 f hoolaa, lukkuu,daakuu,zayitaa fi sukkaara akksasumas maallaqni mi’eessituu ittiin bitatan kennaniiru.
dabalataan maatii duultootaa rakkoo hammataaf saaxilaman 99’f mana jireenyaa laataniiru.
Gammachuun guyyaa ayyaanaa kun wareeggamaa fi qabsoo gootoota biyyaatiin kan argameedha jedhan.
Kennaan kunis Maatii gootootaatiin baga ittiin isin gahe jechuuf kennaa laatame ta’uu ibsaniiru.
Sagantaa kanarratti hoggantoonni bulchiinsa magaalaa, maatiin duultootaa, miseensoonni diyaaspooraa fi qaamoleen hawaasaa garaagaraa argamuu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalichaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.