Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalaa Mojoo waldaalee 3f meeshaalee qonnaa laate

Finfinnee, Amajjii 6, 2013 (FBC)- Bulchiinsi magaalaa Mojoo waldaalee 3f meeshaalee qonnaa laateera.
Magaalaa Mojootti proojaktii qonna magaalaa seektara jallisiin hojjetameen ummata Oromoo naannoo Soomaalee irraa buqqa’niif dhufaniif bulchiinsi magaalichaa waldaalee 3f meeshaalee qonnaa laateera.
Waldichi miseensoota 60 of keessatti kan qabatee jiru yoo ta’u, paampii bishaanii 3, xaa’oo biyyee kuntaala 9, sanyii filatamaa gosa adda addaa fi meeshaa keemikaala farra aramaa biifu 15 kenneera.
Hogganaan Waajjira Qonnaa Bulchiinsa Magaalaa Mojoo obbo Asaffaa Admaasuu qonnaan bultoonni kanneenis lafti heektaara 8 kennamuun irratti oomishanii akka ofjijjiiramniif ta’uu ibsaniiru.
Qonnaan bultoonni nyaataan akka of danda’aniif waajjirii keenyi deeggarsa barbaachisu ni taasisaas jedhaniiru.
Lalisee Tasfaayeetu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.