Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalichaa bara baajataa xumurametti sagantaa nyaataan barattoota kuma dhibba 6 fayyadamoo taasiisuu ibsame

Finfinnee, Adooleessa 23, 2013 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee bara baajataa xumurametti sagantaa nyaataan barattootaan Birri biiliyoona 1.2 ramaduun barattoota kuma dhibba 6 fayyadamoo taasiisuu Itti aantuun Kaantibaa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee ibsan.
Baayy’ina barattootaa dachaan giddisuuf hojiin bara kana hojjetame isa baroota darbanii caalaa fooyya’aa ta’uu kaasaniiru.
Bulchiinsi magaalichaa fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf kutaalee magaalaa 5 keessatti giddugalliwwan nyaataa si’a tokkotti namoota kuma 1 keessummeessuu danda’an hundeessuun lammiilee jireenya gadi aanaa keessa jiran fayyadamoo taasiisaa jiraachuu ibsaniiru.
Hojiin sagantaa nyaataa barattootaa kun guyyaa kaleessaa Konferansii sirna nyaataa qopheessummaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin Xaaliyaanii magaalaa Roomitti gaggeeffameerratti akka muuxxannootti dhiyaachuu aadde Adaanachi ibsaniiru.
Hojiin kun barattoonni nyaata madaallawaa akka argatan taasiisuurra darbee qabxii barattootaa guddisuu fi harcaatii barattootaa xiqqeessuu keessatti bu’aa qabaachuu ibsameera.
Sagantichi namoota kuma 10 oliif carraa hojii dhaabbii uumuu aadde Adaanach fuula Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.