Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalichaa oomishaafi oomishtummaa dabaluuf indaastiriiwwan oomishaa waliin mari’ate

Finfinnee, Qaammee 2, 2014(FBC)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee oomishaafi oomishtummaa dabaluuf indaastiriiwwan oomishaa waliin mari’ate.

Bulchiinsi magaalichaa guyyaa oomishtummaa sababeeffachuun indaastiriiwwan oomishaa waliin marii paanaalii gaggeesseera.

Maricharratti kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon argamaniiru.

Aadde Adaanach haasawaa maricharratti taasisaniin, hanga ammaatti hudhaalee gama damichaan jiru dandamachuun hojjechaa jirtu; nutis tattaaffii keessaniif beekamtii kennaa kan hanqate guutuurraa duubatti hin jennu jedhaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa hudhaalee gama damichaan jiru adda baasuun furuuf kutannoo qabaachuu ibsaniiru.

Ittaanaan kantiibaafi Hogganaan Biiroo Hojiilee Intarpiraayiziifi Misooma Indaastirii magaalichaa obbo Jaanxiraar Abbaay gamasaaniin, bulchiinsi magaalichaa indaastiriiwwan oomishaa sadarkaa barbaadamuun kan hordofu ta’uu dubbatan.

Indaastiriiwwan oomishaa magaalichatti argaman kumni 10 ol gara dhaabbilee gurguddaatti akka ce’aniif bulchiinsi magaalichaa qaaamolee dhimmamtootaa waliin sochii qindaa’aa taasisaa jiraachuu ibsuu ragaan waajjira kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.