Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalichaa waggoottan sadan itti aanan keessa giddu galoota Ispoortii fi bakka tapha Ijoollee kuma 12 ijaaruuf hojjetaa jira – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Bitootessa 21, 2016 (FBC) – Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen Giddu gala Ispoortii Kutaa Magaalaa Liddataa Naannawaa Bisraata Gabri’eel jedhamutti ijaarame eebbisiisaniiru.

Bakki sosochii Ispoortii kun bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi Dhaabbata Invastimanti Giruuppii Midirookiin kan hojjetame ta’uu eerameera.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee xiyyeeffannoo Ispoortiif kenneen misooma bu’uuraa Ispoortii babal’isaa jiraachuu Aadde Adaanach himaniiru.

Waggoottan sadan itti aanan keessa giddu galoota Ispoortii fi bakka tapha Ijoollee kuma 12 ijaaruuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Dhaloota qaamaa fi sammuun ga’oome horachuuf bakki sosochii Ispoortii qooda olaanaa qabaachuu dubbataniiru.

Haga ammaattis giddu galoonni kumni 1 fi 236 ijaaramuu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.