Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi Mootummaa naannoo Hararii hordoftoota amantaa Islaamaa maraaf ergaa baga geessanii dabarse

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2014(FBC) – Bulchiinsi Mootummaa naannoo Hararii hordoftoota amantaa Islaamaa maraaf ergaa baga ayyaana dhaloota Nabiyyuu Mahaammad waggaa 1496ffaa geessanii dabarseera.

Ayyaanni moolidaa bara kanaa wayita Badhaadhina biyyaaleessaa mirkaneessuuf boqonnaan haaraan eegalametti ta’uun adda isa kan taasiisu ta’uu ibseera.

Wayita ayyaana kana kabajnu tokkummaa Ityoophiyaa cimsuu fi birmadummaa ishee kabachiisuuf deeggarsa hunda galeessa eegalamee cimsuun ta’uu akka qabu yaadachiiseera.

Akkaata barsiifata amantichaan lammiilee rakkatan gargaaruu fi deeggaruun ta’uu qaba jechuun ibseera.

Hawaasni Musiliimaa Ayyaana Moolidaa waggaa 1496ffaa waayita kabaju weerara vaayrasii koroonaaf of eeggannoo taasiisu akka qabu hubachiiseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.