Fana: At a Speed of Life!

Caffeen Oromiyaa Yaaíi Idilee 13ffaa waggaa 6ffaa bara hojii 5ffaa har’aa eegalee ni gaggeesa

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2013 (FBC) – Caffeen Oromiyaa Yaaíi Idilee 13ffaa waggaa 6ffaa bara hojii 5ffaa Gurraandhala 18-21/2013 kan gaggeesu ta’uu ibsame.

Yaa’íi idilee 13ffaan magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti Gurraandhala 18 -21 bara 2013 irraa eegalee gaggeeffamu ilaalchisee Af-Yaa’íin Caffee Oromiyaa Aadde Loomii Badhoo miidiyaaleef ibsa laataniiru.

Yaa’icharratti ajandaaleen adda addaa fi gabaasni raawwii hojii walakkaa waggaa qaama raawwachiiftuu dhiyaachuun wixineewwan labsii garaa garaa torba irratti kan mari’atamu ta’uu Aadde Loomiin ibsanii jiru.

Labsiwwaan kunnis labsii haqa mirkaneessuu,labsii oomishaawwanin wal qabatan, dhimmaa istaatiksiin ragaa qindaawaa naannoo Oromiyaa irratti xiyyeeffatu fi labsii bishaan lafa jalaa fi irra keessaa yoo ta’u, muudamni addaa addaas akka raggaasifamu aadde Loomiin himaniiruu.

Dabalataanis karooraa hojii fi baajata hojiiwwan bara kanaaf raggaa’e bu’uura godhachuun raawwii hojii walakkaa waggaa qaama raawwachiiftuu irratti kan mari’atu yommuu ta’uu eeraniiru.

Raawwiin gama hojiiwwan misoomaan, diinagdeen, bulchiinsa gaarii, kenniinsa tajaajilaa, olaantummaa seeraa mirkaneessuu irrattis kan mari’atamu ta’uu ibsameera.

Yaa’ichis Gurraandha 17 kokosiin dubartootaa dhimmoota jajjaboo irratti mari’achuun Gurraandhala 18-21/2013tti Caffeen Oromiyaa yaa’ii isaa waliigalaa ni taasisas jedhamee jira.

Dhuma irratti filannoon bara kanaa karaa nagaa ifaaf bilisaan akka geggeefamuu hundi ga’ée I rraa eeggamu ba’achuu akka qabu dhaamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.