Fana: At a Speed of Life!

Carraa waliigaltee nageenyan argametti fayyadamuun ummata miidhame deebisanii dhaabuun murteessaadha – Obbo Getaachoo Raddaa

Finfinnee, Caamsaa 12, 2015 (FBC) –Carraa waliigaltee nageenyan argametti fayyadamuun ummata miidhame deebisanii dhaabuun murteessaa ta’uu Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo naannoo Tigraay Obbo Getaachoo Raddaan ibsan.

Obbo Getaachoon hawaasa Daldalaa fi Abbootii qabeenyaa naannichaa waliin mari’ataniiru.

Haala waqtaawaa, karooraa fi kallattii bulchiinsa yeroo naannicharratti mari’ataniiru.

Carraa Waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaan argametti fayyadamuun ummata naannichaa rakkoolee garaagaraaf saaxilame deebisaanii dhaabuun murteessaa ta’uu Obbo Getaachoon dubbataniiru.

Rakkoolee sababa waraanaan naannicha mudate keessaa saffisaan ba’uuf qindoominaan hojjechuun dirqama ta’uu himuu isaanii ragaan Waajjira Pireezidaantii Bulchiinsa yeroo naannicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.