Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan guyyoota 6 keessaatti Hospitaala sadarkaa eeggate ijaaruufi

Finfinnee, Amajjii 17, 2012 (FBC) – Chaayinaan bulchiinsa Wiihaanitti guyyoota 6 keessaatti Hospitaala sadarkaa eeggate ijaartee xumuruuf akka ta’e beeksiifte.
 
Hospitaalli kun dhibee Vaayirasii koronaa yaaluuf kan tajaajilu jedhameera.
 
Hospitaalli guyyoota 6 keessatti ijaarramuuf jedhu kun siree ciisichaa kuma 1 ol ofkeessaa qaba.
 
Hospitaalichi lafa hektaara kuma 25 irratti kan ijaarramu yoo ta’u hojiin bu’ura baasuu eegalameera.
 
Hospitaalli 2ffaan walakkaa baatii keessatti ijaarramee xumuramu kan biroos magaalicha keessatti eegalamuuf qophii irra kan jiru yoo ta’u, dhukkubsatoota kuma 1 fi 300 ol yeroo tokkotti keessummeessuu danda’a jedhameera.
 
Akka ragaan Komishinii Fayyaa Biyyaaleessa Chaayinaa mul’isutti Vaayirasiin Koroonaa bulchiinsa Wiihaan keessatti erga muul’atee namoota kuma 2 dhibichaan qabaman keessaa namoonni 56 du’aniiru
.
Chaayinaatti sababa dhibee kanaan Hoteeloonni idila addunyaa 443 tajaajial dhaabaniiru.
 
Turistoonni miiliyoonaan lakkawwaman imala gara Chaayinaatti taasisan haqaniiru.
 
Guddina Diinagdee Chaayinaa keessaa hawwanni Turizimii % 11 qooda qaba.
 
Bara Faranjootaa 2018 keessa qofa Turistoonni miiliyoonni 62.9 Chaayinaa daawwataniiru.
 
Chaayinaatti hawwanni turizimii namoota miiliyoona 29 oliif carraa hojii uumee jira.
 
 
Maddi:-BBC

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.