Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan mirga misoomuu Raashiyaanotaa kan deeggartu ta’uu beeksiste

Finfinnee, Fulbaana 10, 2014 (FBC)- Chaayinaan mirga misoomuu Raashiyaanotaa kan deeggartu ta’uu beeksisuun ibsame.

Filannoo injifachuu Paartii Tokkummaa Raashiyaa hordofee Raashiyaanonni misoomuuf daandii hordofan Chaayinaan kan deeggartu akka ta’e ibsameera.

Filannoon Raashiyaa siyaasaa lammiilee Raashiyaa keessatti bakka guddaa kan kennamuu fi bu’aansaas fedhii Raashiyaanotaa kan argisiisu ta’uu dubbi himaan Raashiyaa Zaahoo Liijiyaan ibsaniiru.

Lakkaawwii sagalee taasifameen lakkoofsa % 98 keessaa %50 argachuudhaan Paartiin Tokkummaa Raashiyaa injifachuu isaa Koomishiniin Giddugala Filannoo Raashiyaa beeksiseera.

Gama biraatin, Paartiin dorgomaa Kooministii Raashiyaa %20 galmeessisuu isaa koomishinichi beeksiseera.

Bu’aan filannichaa ifoomuun booda mootummaan Vilaadmir Puutiiniin durfamu fooyya’iinsa haaraa akka galmeesisuu fi sochii guddinaa fi badhaadhina biyyatti dhugoomsuuf taasisu Chaayinaan kan deeggartu ta’uu Shiinwaatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.