Fana: At a Speed of Life!

Cheelsiin Firaank Laampaard gaggeesse

Finfinnee, Amajjii 17, 2013 (FBC) – Kilabiin Kubbaa Miilaa Lixa Landan Cheelsiin Leenjisaa isaa Firaank Laampaard gaggeessuu ibsame.
Taphataa cimaa kilabicha kan turan Firaank Laampaard bara Faranjootaa 2019 eegaluun kilabicha leenjisummaan dursaa turaniiru.
Kilabichi ibsa har’a baaseen murtoon kun murtoo ulfaataa haala salphaan fudhatamuu hin dandeenye ta’uu ibseera.
Hojii Laampaard hanga ammaatti hojjeteef galata qabaachuu kan ibse kilabichi, yaa ta’uutii bu’aa fi dandeettiin kilabichaa hanga eeggamuu gadi ta’uu isaan murtoo kan fudhachuu beeksiseera.
Laampaard baatiwwan 18 darbaniif leenjisaa garichaa ta’uun tajaajileera.
Taphoota 8 torbeewwan darban keessa gaggeesseen 5 moo’amuu isaa hordofee leenjisummaarraa gaggeeffameera.
Bara dorgomichaa kilabichi jijjiirraa taphattootaaf Doolaara miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 75 baasii taasiisuus qabxiin galmeessaa jiru quubsaa ta’uu dhabuun isaa gaggeeffamuu Laampaardiif sababa olaanaa ta’uu ibsameera.
Cheensiin taphoota liigichaa hanga ammaatti taphatameen qabxii 29 sadarkaa 9ffaarratti argama.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.