Fana: At a Speed of Life!

Covid- 19 ittisuu fi too’achuuf deeggarsi meeshaalee taasifame

Finfinnee, Muddee 21, 2013 (FBC) – Ityoophiyaatti dhibee Covid-19 too’achuu fi ittisuuf dhaabbanni gargaarsaa ‘Seef Za Childiran’ jedhamu Ministeera Fayyaaf taableetoota 505 deeggarsa taasiiseera.

 

Deeggarsi kun sirna ragaa fi kenniinsa tajaajila Fayyaa ammayyeessuuf kan gargaaru ta’uu ibsameera.

 

Qabiinsa ragaa fi sirna odeeffannoo ammayyaa’aa diriirsuun weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi too’achuun akkasumas murtoowwan damee fayyaa guddisan laachuun murteessaa ta’uu Ministir Deettaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan ibsaniiru.

 

Dooktar Darajjeen dhaabbanni gargaarsaa ‘Seef Za Childiran’ deeggarsa taasiiseef galateeffataniiru.
Deeggarsi taasiifame sadarkaa biyyatti tattaaffii weerara dhibee Covid -19 ittisuu fi too’achuuf taasiifamuuf shoora olaanaa qabaachuu daayreektarri olaanaan dhaabbatichaa Kiin Oogtoogiilaariin ibsuu isaanii ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.