Fana: At a Speed of Life!

Daandii Qilleensaa dorgommiisaa idil addunyaa eeggachuu fi caalumatti guddisuuf carraaqqii cimaan taasisuu akka qabu ibsame

Finfinnee, Muddee 22, 2013 (FBC) – Daandii Qilleensaa dorgommiisaa idil addunyaa eeggachuu fi caalumatti guddisuuf carraaqqii cimaan taasisuu akka qabu ibsame.
Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Koreen Dhaabbii Dhimmoota Galii, Baajataa fi Faayinaansii karoora raawwii dhaabbatichaa, bulchiinsa faayinaansii, kenniinsa tajaajilaa, raawwii hojii projaktoota babbal’isuu, haala qabiinsa qabeenyaa ilaalchisuun daawwannaa taasiseera.
Daawwanichaan miseensoonni garichaa hojii raawwachiisaa olaanaa Daandii Qilleensa Ityoophiyaa obbo Tawald Gabramaariyaamii fi hooggantoota hojii damee biroo waliin marii’taniiru.
Itti Aanaa Preezdaantii Karooraa fi Aliyaansii obbo Buseeraa Awwal daandiin qilleensichaa weerara vaayrasii koroonaa waliin walqabatee galiin balaliinsa irraa argatu hir’atuus, teessoo xiyyaarota 25 kaasuun xiyyaaroota fe’umsa biroo waliin tajaajila kaargoo laachuun kisaaraa irraa dandammachuu danda’amuu kaasaniiru.
Raawwii karoorichaa ilaalchisuun balalliin alaa 85% akkasumaas, balalliin biyya keessaa 107% raawwatamuu ibsaniiru.
Babbalinni terminaalii buufata xiyyaaraa idil addunyaa Boolee 1 fi 2 hojiin caasaa 96% xumuramuu akkasumaas, babbal’inni hoteela Iskaay Laayti ijaarsa irra jiraachuu eeraniiru.
Buufata xiyyaaraa 7 jechuun Roobee, Jiinkaa, Kombolchaa, Shiree, Dambi Doolloo, Naqamtee fi Godeee ijaarsa bakka keessumoota itt simatan eegaluuf waliigalteerra jiraachuu himaniiru.
Ijaarsi buufata xiyyaaraa Miizaan Amaan, Goree Mattuu, Dabra Maarqoos, Nagallee Booranaa fi Yaaballoo adeemsarra jiraachuu ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.