Fana: At a Speed of Life!

Daandii Qilleensichaa ilaalchisee odeeffannoowwan miidiyaalee hawaasaarratti tamsa’aan sobaa jedhame

Finfinnee, Adooleessa 25, 2013 (FBC)- Daandii Qilleensichaa ilaalchisee odeeffannoowwan miidiyaalee hawaasaarratti tamsa’aan sobaa ta’uu Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa beeksiseera.

Daandiin qilleensichaa gara naannoo Tigraayitti meeshaalee waraanaa imalchiseera jechuun odeeffannoo tamsa’aan sobaa ta’uu ibseera.

Daandiin qilleensichaa kana hordofee ibsa baaseen, daandiin qilleensa Ityoophiyaa namoonni dhuunfa tokko tokkoo odeeffannoon sobaa naannoo Tigraayitti meeshaa waraanaa imalchiseera jechuun tamsaasan fudhatama dhabsiseera.

Bara Faranjoota 2020 baatii Sadaasa balalli gara naannoo Tigraayitti taasifamuu addaan kutuu yaadachiisuun, daandiin qilleensichaa kana booda qillensichi yeroo murtaa’eef banamee lammiilee gara naannoo fi gara naannichaatti imalchiisuun tajaajila barbaachisaa laataa akka ture ibsameera.

Ta’us daandiin qilleensa naannichaa erga cufamee baatii tokkoo akka ta’ee ibseera.

Daandiin qilleensichaas meeshaa waraanaa kamiyyuu fi raayyaa ittisa gara naannoo Tigraayitti akka hin imalchiifnee cimsee erreera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.