Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa Buufata Xiyyaraa 5 ijaarsisaa jiraachuu ibse

Finfinnee, Bitootessa 11, 2016 (FBC)- Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa buufata Xiyyaaraa biyyaa keessaa 5 dabalataan ijaarsisaa jiraachuu beeksise.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Daandii Qilleensichaa Masfiin Xaasawu, Daandiin qilleensicha wayita ammaa bakka ga’umsaa idil Addunyaa 136 fi biyyaa keessaa 22 kan qaqqabu ta’uu himan.

Yeroo ammaa buufaatalee xiyyaraa Miizaan Teeppii, Nageellee Booranaa, Yaaballoo, Mattuu-Goree fi Dabra Marqoositti ijaarsisaa jiraachuu ibsaniiru.

Buufataleen kunneen ijaarsi isaanii wagga tokko keessatti kan xumuraman ta’uu ibsamuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.