Fana: At a Speed of Life!

Daballii gatii manneen barnootaa dhuunfaa waaraan furamuu qaba – Piroofeesar Birihaanuu Naggaa

Finfinnee, Caamsaa 15, 2015 (FBC) – Daballiin gatii manneen barnootaa dhuunfaa waaraan furamuu akka qabu Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birihaanuu Naggaan beeksisan.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummaataa Walga’ii idilee 21ffaa har’a gaggeesseen gabaasa raawwiii hojii baatiwwan salgan darbanii Ministeera Barnootaa dhaggeeffateera.

Daballii gatii manneen barnootaa dhuunfaa ilaalchisee, gaaffii Koree Dhaabbii misooma qabeenya humna namaa, bobbii hojii fi dhimmoota Teeknooloojiirraa dhiyaateef Piroofeesar Birihaanuun ibsa laataniiru.

Daballii gatii manneen barnootaa dhuunfa waaraan furuun kan danda’amu mootummaan manneen barnootaa babal’isuu fi qulqullina isaanirratti yoo hojjete qofa ta’uu ibsuu isaanii ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummatarraa argame ni mul’isa.

Ministeerichi manneen barnootaa dhuunfaa keessaa kanneen sadarkaa idil addunyaa jiran qofa kan hordofuu fi kan to’atu ta’uu himaniiru.

Manneen barnootaa dhuunfaa hafan naannolee fi bulchiinsa magaalootaa kan ilaallatu ta’uu kaasaniiru.

Yaa ta’uutii rakkoolee jiran furuuf waloon kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.