Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoo sibiloota hojiin ala ta’aaniirraa meeshaa waraanaa rasaasa 40 fudhatu hojjete

Finfinnee, Muddee 19, 2014 (FBC)- Dargaggoon Abinnat Wadaaj jedhamu umrii waggaa 18 kan ta’ee jiraataa magaalaa Goondar yoo ta’u, daa’imummaa isaarra eegalee meeshalee hojiin ala ta’aanirra hojii kalaqaa adda addaa hojjetaa tureera.

Dargaggoon kun baandoota keessaa fi alaatin waraanaa biyyattirratti banamee ittisuuf meeshaan waraanaa barbachiisaadha jechuun sibiloota hojiin ala ta’aan irraa meeshaa waraanaa rasaasa 40 fudhatuu hojjechuun ‘Chichii’ jechuun moggaseera.

Adda waraanaa Zaarimaatti argamuunis yaalii taasisuu ibsameera.

Kana duras Shugguxii hojjechuun yaalii milka’aa taasisuun isaa himameera.

Barnootasa kutaa 7ffaatti addaan kutun itti fufuu kan hin dandeenye dargaggoon kun, ofi isaan akka of bulchuu fi maatiisa akka deeggaruu Faanaa Broodkaasting Koorporeetiif ibseera.

Deeggarsa kan naaf taasisuu yoon argadhee kana caalaa hojjechuun nan danda’aa jedha dargaggeessi kun.

Salaam Asmalaashtu gabaase

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.