Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoonni Damee Fayyaan teeknooloojiiwwan haaraa uumuu qabu jedhame

Finfinnee, Fulbaana 12, 2014 (FBC) – Fooramiin fayyaa dargaggootaa fi oldeemtotaa 2ffaan mata duree “ kalaqa waliinga’iinsa tajaajila fayyaa fooyya’aa dargaggootaa fi ol deemtotaaf” jedhuun kabajameera.
Tajaajila fayyaa dargaggootaa waliinga’uu fi hojiilee kalqaa jajjabeessuuf hojjetamaa kan jiru ta’uu Ministir Deettaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa ibsaniiru.
Hojiilee Innooveeshiniin haala qabatamaa Ityoophiyaa, rakkoolee bu’uuraa hawaasa giddugaleeffatanirratti xiyyeeffachuun barbaachisaa ta’uu Ministeera Innooveshinii fi Teeknooloojiitti Daayreektarri Jeneraalaa Ce’umsa sagantaa Diijitaalaa Dooktar Abiyoot Baayyuu.
Dargaggoonni damee fayyaarrattii teeknoolojiiwwan haaraa uumuu akka qaban Dooktar Abiyoot eeruu isaanii ragaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknoolojiirraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.