Fana: At a Speed of Life!

‘Dargaggoonni diinagdee biyyaa guddisuuf cimanii hojjechuu qabu’ Preezdaant Shimallis

Finfinnee, Amajjii 11, 2013 (FBC ) – Dargaggoonni diinagdee biyyaa utubuuf cimanii hojjechuu qabu jedhan Preezdaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.

Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee hoggantoonni olaanoo naannoon Oromiyaa, federaalaa, Artistoonni, Abbootiin Gadaa fi Haadholiin Siiqqee sirna cufiinsa yaa’ii dargaggootaa naannoo Oromiyaa 5ffaa Adaamaa galma abbaa Gadaatti taa’amaa turerratti argamaniiru.

‘Dirreen qabsoo inni itti aanu diinagdeen of danda’uudha kan jedhan obbo Shimallis Abdiisaan, dargaggoonni keenya birmadummaa fi tokkummaa biyyaatiif aarsaan kaffalanii asiin nu gahan yoomuu kan hin dagatamneedha jedhan.

Yeroo ammaa qabsoon keenya hiyyummaa balleessuufi waan ta’eef, diinagdee irratti dargaggoon keenya hadheeffatee hojjechuu qabu jedhaniiru.

Humni qeerroo keenya baradheeraaf nyaachaa ture humni juuntaa yerootti awwaalametti yaa’ii kana dargaggoonni waliin gaggeessuun keenya adda isa taasisas jedhaniiru.

Dargaggoonni biyya keenyaa kanaan dura qabsoo karaa bittinnaa’aa ta’e gaggeessaa turan yeroo ammaa dargaggoonni miiliyoona 3 ol gurmaa’ee tokkummaan biyya ijaaruuf murannoo qabaachuun hunda caala nu boonsa jedhan obbo Shimallis.

sirna cufiinsa yaa’ii 5ffaa Waldaa Dargaggoota Naannoo Oromiyaa Adaamaa galma Abbaa Gadaatti guyyoota sadiif gaggeeffamaa tureen hooggantoota waldichaa haaraa filataman waliin sirni wal harkaa fuudhinsa aangoo taasiifameera.

Akka OBN gabaaseetti sirnichi beekamtii kennuu fi duungoo ibsuun dhaadannoo tokkummaadhaan badhaadhina biyyaaf ni hojjenna jedhu agarsiisuun xumurameera.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.