Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoota Godina Arsii Raayyaa Ittisaatti makamaniif gaggeessaan taasiiifame

Finfinnee, Adooleessa 18, 2013 (FBC) –Dargaggoota Godina Arsii fi Bulchiinsa Magaalaa Asallaa Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaatti makamuuf galmaa’an magaalaa Asallaatti sirni gaggeessaa taasiifameera.

Akka Godinichaatti Dargaggoonni kumni 2fi 389 Raayyaatti makamuuf yoo galmaa’an akka magaalaa Asallaatti ammoo Dargaggonni 308 fedha isaaniin Raayyaa Ittisa Biyyaatti makamuuf qopha’aniiru.

Akka OBN gabaaseetti dargaggoota kunneen eebba Abbootii Gadaatiin gaggeffamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.