Fana: At a Speed of Life!

Deeggarsa namoomaa naannoo Tigraay guddisuuf mootummaa waliin hojjetamaa jira jedhame

 

Finfinnee, Adooleessa 27, 2013 (FBC) –Deeggarsa namoomaa naannoo Tigraay guddisuuf mootummaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjetamaa jiraachuu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii ibse.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Qindeessaan Dhimmoota deeggarsa namoomaa fi Deeggarsa Balaa Tasaa Maartiin Giriifit daawwannaa Ityoophiyaatti gaggeessan ilaalchisee ibsa laataniiru.

Qindeessichi guyyoota lamaan darbaniif haala deeggarsa namoomaa naannoo Tigraay ilaalchisee qaamaan argamuun daawwachuu isaanii ibsaniiru.

Deeggarsi namoomaa saffisaan akka qaqqabu mootummaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Dhiyeessiin deeggarsa namoomaa kun cimee akka itti fufuuf Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii mootummaa Ityoophiyaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuuf murannoo qabaachuu ibsa laataniin himaniiru.

Turtii isaaniin Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad dabalatee hoggantoota olaanoo dhimmichi ilaallatu waliin haala deeggarsi namoomaa saffisaan dhiyeessuun danda’amurratti mari’achuu isaanii ibsameera.

Mootummaan baatiwwan saddeettan darbanitti lammilee miiliyoona 4.5 ta’aniif Birrii biiliyoona dhibba 1 ol baasii gochuun deeggarsa namoomaa dhiyeessuu himameera.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.