Fana: At a Speed of Life!

Deeggarsi lammiilee hongeen miidhamaniif taasifamu yeroon uummata bira qaqqabuu qaba jedhame

Finfinnee, Amajjii 17, 2015 (FBC)- Deeggarsi hongee dhufaa jiru sadarkaa hammeenya rakkichaan yeroon uummata bira qaqqabuu akka qabu Sadarkaa Ittaanaa Pireezidaantiitti Qindeessaan Kilastara Baadiyaa Obbo Abdurahmaan Abdallaan himan.

Jilli Obbo Abdurrahmaan Abdallaan durfamu Aanaalee Godina Booranaatti miidhaa hongeen qaqqabaa jiru daawwachuun hojiilee hojjetamaa jiran hoggansa godinaa waliin gamaaggameera.

Rakkoo hongeen qaqqabaa jiruun sadarkaa hammeenyaa balichaa mudataa jiruun deeggarsii taasifamaa jiru ummataa qaqqabuu akka qabu obboo Abdurraahmaan ibsaniiru.

Qooda fudhattoonni hojiilee deeggarsaarratti bobba’anis karooraan hogganamuu fi hordofamuu akka qaban hubachiisaniiru.

Bulchaan Godina Booranaa Obbo Jaarsoo Boruu gama isaaniin, deeggarsi dhufu harkifachuun gidduutti horsiisee bultoonni hongeen akka hinmiidhamne hojjechuun murteessa ta’uu himuu ragaan kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.

Godina Booranaatti sababa hongee muudateen lammiileen kumni 604 ol deeggarsa namoomaa kan barbaadaan ta’uu fi deeggarsa gama mootummaan taasifamutti dabalataan dhaabbileen garaagaraa akka hirmaatan bulchiinsi godinichaa waamicha dhiyeessuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.