Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Konkolaataa Heeloo rakkoo gama geejjibaan jiru furuuf kafaltii jalqaba 30% kanfaluun abbaa konkolataa ta’uu danda’amaa

Finfinnee, Muddee 22, 2013 (FBC) – Dhaabbanni Konkolaataa Heeloo rakkoo gama geejjibaan jiru furuuf kafaltii jalqaba 30% kanfaluun abbaa konkolataa ta’uu danda’amaa jedhe.
Dhaabbanni Konkolaataa Heeloo rakkoo gama geejibaan jiru furuuf Baankii Giloobaalii Dabuub waliin ta’uun hawaasni bifa salphaan abbaa konkolataa ta’uu kan isa dandeessissuu filannoo dhiyaasuu Hundeessaan Dhaabbata konkolaataa Heeloo, obbo Daani’eel Yohaannis himaniiru.
Konkolattoonni dhiyaataan kunneenis konkolatoota haaraa faalama qilleensa irraa bilisa ta’anidha jedhameera.
Dhaabbatichi Baankii Giloobaalii Dabuub waliin ta’uun kafaaltii jalqabaa 30% kanfaluun abbaa konkolataa ta’uun akka danda’amuufi kan hafe immoo waggaa 7 keessatti kanfaluun akka danda’amuu himaniiru.
Konkolattoonni kunneenis rakkoo geejjibaa Magaalaa Finfinnee keessa jiru furuuf jechaa koodii 3 fi 2 qophaa’uus himan.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.