Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbata qaamoleen icciti garee ABUT’tiin saaxilaan hundi wareegaman 

Finfinnee, Onkoloolessa 2, 2014 (FBC)- Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomani Ityoophiyaarratti dhiibbaa hin mallee uumuuf waltajjii mana maree nageenyaa irra deeddeebiin gaggeesseera.

Waltajjiwwan kanneeniin biyyoonni Ityoophiyaa yakkamtuu taasisuuf gaaffii dhiyeessan akkasumas biyyoonni haqaa Ityoophiyaa hubataan ammoo dhimma biyyatti gidduu seenuun dhiibbaa uumuun akka hin barbaachisnee yaalii mormii taasisaaniiru.

Yaa ta’uti Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fi biyyoonni dhihaa tokko tokkoo badii gareen Shororkeessaa ABUT miidhaa Ityoophiyaarraan gahaa jiru dhoksuun mootummaa yakkamaa taasisuuf dhama’aa jiru.

Mootummaa humnoonni sababa deeggarsa namoomaatiin dhimma Ityoophiyaa keessaa galuuf socho’aan dhimmicharra akka of qusataan irraa deddeebiin akeekkachisuus tattaaffiin giddugaltummaa isaaniis dabalaa dhufeera.

Keessaattu erga mootummaa Ityoophiyaa hojjettoota Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii  dhimma seenaan 7 biyyatti gadi lakkisanii akka ba’aan tarkaanfii fudhatee as barreessaa olaanaa dhaabbaticha dabalatee hedduu isaanii kan naasisee fi sobaan Ityoophiyaa yakkamtuu taasisuuf tattaaffiin godhaan akka cimsaan taasiseera.

Ityoophiyaatti itti gaafatamtuun ejensii goodantootaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Maahuuriin Achiing tibbana gaffii fi deebii taasisaan hordofee maqaa boqonnaa bulchiinsaatin yaamamuun isaanii agarsiistudha.

Itti gaafatamtuttiin gaaffii fi deebii taasisaniin eenyumma sirrii garee shororkeessaa ABUT ifoomasanii turan.

Maahuuriin Achiing Ityoophiyaatii waamamuun isaanii xalayaan ibsu qaqqabuu AAFP gabaaseera.

Ka’umsi murtoo kana Maahuriin Achiing dhugaa Ityoophiyaa qabachuun barreeffamoota garagaraa baasuun mormuusaaniitinii.

Af gaaffichaan Ityoophiyaa haala ifoomsuun shira garee shororkeessaa ABUT addabaabaayiitti baasaniiru.

Daayreektarri olaanaa ejensii goodantootaa Antooniyaa Viitoorinoo yaada AChiing Ityoophiyaarratti laatan Ityoophiyaa bakka kan hin buunee ta’uu ibsuun, duudhaa fi hoji mata dhaabbatichaa kan darbe ta’uu himaniiru.

Ejjeennoo daayrektarichaas itti gaafatamaan naannawaaa ejensichaa Mohaamad Abdikaaris cimsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.