Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen 15 fi abbootiin qabeenyaa proojaktii ‘maaddii biyyaaf’ birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 55n Kuuppoonii irbaataa bitan

Finfinnee, Fulbaana 5, 2013 (FBC) – Dhaabbileen sadarkaa federaalaa 15 fi abbootiin qabeenyaa proojaktii ‘maaddii biyyaaf’ birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 55n Kuuppoonii irbaataa bituu isaanii ibsame.
 
Waamicha Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad taasisaniin hordofuun qindeessummaa itti aantuu kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebeen dhaabbileen sadarkaa federaalaa 15 fi abbootiin qabeenyaa proojaktii ‘maaddii biyyaaf’ birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 55n Kuuppoonii irbaataa bitaniiru.
 
Karoora kana milkeessuuf koreen gurmeessa abbootii qabeenyaa kan hundaa’e yoo ta’u, koreen miseensoota 5 qabu filatameera.
 
Aadde Adaanach Abeebee dhaabbilee fi abbootii qabeenyaa proojaktiin ‘maaddii biyyaaf’ akka milkaa’u gumaacha taasisan galateeffatniiru.
 
Proojaktiin Shaggar maqaa gaarii magaalichaa kan jijjiiree fi amantaa ummataa kan mirkaneesse ta’uu abbootiin qabeenyaa Kuuppoonii irbaataa kana bitan dubbataniiru.
 
Proojaktichi hanga dhugoomuutti deeggarsa barbaachisu hunda kan taasisan ta’uu dubbachuu isaanii ragaan waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.