Fana: At a Speed of Life!

Dhalattuu Afrikaa – Ameerikaa Biyyoota Addunyaa hunda daawwatte Jaasiikaa Naaboongoo

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2014 (FBC) –Dhalattuun Afrikaa – Ameerikaa balallii 450 taasiisuun fageenya Kiloo Meetira miiliyoona 1 fi kuma dhibba 6 fi kuma 10 imaluun Biyyoota Addunyaa 195 daawwatte tibbana ijoo dubbii taateerti.

Daawwannaa fi imala ishee kanaaf Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii beekkamtii laateefira.

Jaasiikaa Naaboongoo jedhamti, Bara Faranjootaa Onkololeessaa 6, 2019 wayita imalarra turte addunyaa hunda daawwachuuf karoora baafachuu eegalte.

Namoota addunyaa tana daawwatan muraasa keessaa tokko ta’uu ishee qofa osoo hin taane biyya hunda daawwachuun nama bifaan guraachaa jalqabaati.

Balalliin ishee xumuraa hiriyoota ishee 28 fi maatii ishee waliin ta’uun isaa ammoo adda ishee taasiisa jedhame.

Naaboongoon Waggaa tokko keessatti biyyoota 170 daawwachuu ishee dubbatti.

Imalichi dadhabsiisaa fi nuffisiisaa kan ture ta’uus himteerti.

Wayita addunyaa daawwattu haaloota ishee qunnaman ilaalchisee kitaaba barreessuun dubbiftootaaf gumaachiteerti.

Imala kana taasiisuuf waggoota 10 dura fedhii qabaachuu ishee dubbateerti.

Namoota addunyaa hunda daawwatan jadhaman 400 keessaa namni bifaan gurraachi ishee qofa ta’uun kitaaba kana akka barreessituuf sababa ta’uu ibsiteerti.

Seenaan imala ishee kun ilaalcha dhala namaaf qaburratti garaagarummaa kan itti uume ta’uu turtii CNN waliin taasiifteen ibsiteerti.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.