Fana: At a Speed of Life!

Dhibaa’ummaa nama tokkootin Hind namoota kuma 40 tursa addaa galchite

Finfinnee, Bitootessa 19,2012(FBC) –Dhibaa’ummaa nama tokkootin Hind namoota kuma 40 tursa addaa galchite.

Namichi vaayrasii koroonaatin qabame umriin isaa waggaa 70 ta’e lubbuun isaa darbeera.

Namichi biyyoota weerarichi itti jabaate gara Xaaliyaanii fi Jarman imaleet ture.

Mallattoon dhibichaa irratti muul’atus adda of baasuun deeggarsa yaalaa argachuun osoo irra jiru, dhibaa’ummaan namoota hedduu waliin tuttuqqii heddummeessaat ture.

Feestivaala namoonni kumni kudhanii ol irratti hirmaatan Puunjaabittis argameet ture.

Namichi du’ee torbee tokkoon booda maatii isaa namoota 19 irratti mallattichi muul’ateera.

Sababuma kanaan qondaaltonni Hind namoota vaayrasichaan shakkamanii fi mallattichi irratti muul’ate kuma 40 ol tursa galchaniiru.

Maddi; BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.