Fana: At a Speed of Life!

Dhiibbaa alaa dandamachuuf Qonna ammayyeessuun murteessadha – Obbo Dammaqaa Makonniin

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2014 (FBC) – Dhiibbaa alaa dandamachuuf qonna ammayyeessuun diinagdeen of dandanda’uun murteessaa ta’uu Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin ibsan.
Qonna ammayyeessuuf hojiin naannoo Oromiyaatti hojjetame akka biyyaatti yoo babal’ate seenaa hojjechuun ni danda’ama jedhan.
Jilli Preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa , Itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin durfamu Godina Shawaa Bahaa aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaatti sanyii filatamaa qamadii fi boqqolloo kilaasteraan misoome daawwachuu OBN gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.