Fana: At a Speed of Life!

Guutinsi Bishaan Hidha Haaromsaa adeemsa uummamaa ijaarsa hidhichaa eeguun gaggeeffamaa jira- Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa

Finfinnee,Adoolessa 8, 2012 (FBC) – Guutinsi Bishaan Hidha Haaromsaa adeemsa uummamaa ijaarsa hidhichaa eeguun gaggeeffamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Iinarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan dubbataniiru.
 
Dhimma hidha haaromsaa ilaalchisee Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts dabalatee mariin biyyoota Afrikaa biroo hirmaachise gaggeeffamuu ibsameera.
 
 
Marii gaggeeffameen dhimmoota muraasarratti waliigateerra ga’amuu Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Iinarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan dubbataniiru.
 
Dhimmoota faayidaa Ityoophiyaa miidhan irratti garaagarummaan kan ture ta’uu kaasaniiru.
 
Guutinsi Bishaan Hidhichaa haala uummama adeemsa ijaarsa isaa eeguun gaggeeffamaa jiraachuu dubbataniiru.
 
Yeroo ammaatti suuraan hidhicha ilaalchisuun Saatalaayitiin muul’atu suuraa sirrii ta’uus Dooktar Injiinar Silashiin ibsaniiru.
 
Marii gaggeeffameerratti ogeeyyiin Keeniyaa, Maalii, Riipablikaa Demookraatawaa Koongoo, Maadaagaaskarii fi Afrikaa Kibbaarraa walitti babba’an 11 hirmaatamniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.