Fana: At a Speed of Life!

Dhohiinsa konkolaataa meeshaa waraanaa seeraan alaa fe’ee turerra ga’een lubbuun poolisoota 2 darbuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2014 (FBC) – Magaalaa Goondaritti dhohiinsa konkolaataa meeshaa waraanaa seeraan alaa fe’ee turerra ga’een lubbuun poolisoota 2 darbuu ibsame.

Ka’umsi dhohiinsichaa qoratamaa kan jiru yoo ta’u dhohiinsa boombii ta’uu akka hin hafne poolisiin ibseera.

Konkolaataan fe’umsaa lakkoofsi gabateesaa 32877 AA ta’e Ciilgaarraa meeshaa waraanaa seeraan alaa fe’ee imalaa ture buufata sakattoo Azazootti sakatta’amaa osoo jiruu dhohiinsichi qaqqabuu Hogganaan qajeelcha poolisii magaalaa Goondar Koomaandar Ayyaliny Taakloo ibsaniiru.

Dhohiinsichaan miseensonni poolisii 2 du’uu fi 7 irratti ammo miidhaan qaamaa salphaa fi cimaan ga’uu eeraniiru.

Namoota nagaa buufaticha turan 2 irrattis miidhaan qaqqabuu fi gara hospitaalaatti geeffamuun yaalamaa jiraachuu kaasaniiru.

Hawaasni Azazoo fi naannawashee miidhaan dabalatee akka hin qaqqabneef deggarsa taasisaniif galateeffataniiru.

Minaalaa Ayyanawutu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.