Fana: At a Speed of Life!

Diidiyar Diroogbaan hoospitaalasaa namoonni vaayrasii koroonaatin qabaman akka itti wallaannaman taasise

Finfinnee, Eebila 5, 2012(FBC) – Diidiyar Diroogbaan hoospitaalasaa magaalaa Abiijaanitti argamu namoonni vaayrasii koroonaatin qabaman akka itti wallaannaman taasise.
 
Taphataan kubbaa miillaa biyyoolessaa duraanii Ayvooriikoostii fi Cheelsii; Diidiyar Diroogbaan hoospitaalasaa magaalaa Abiijaanitti argamu namoonni vaayrasii koroonaatin qabaman akka itti wallaannaman taasise.
 
Hoospitaalichi bara Faranjootaa 2010 ebbifamee tajaajila eegaluun isaa ni yaadatama.
 
Diidiyar Diroogbaan hoospitaalicha bara Faranjootaa 2016 lubbuusaa kan dhabe taphataa kubbaa miillaa garee biyyoolessaa kan ture maqaa Loorant Pookuun moggaaseti tajaajilaaf banaa kan taasise.
 
Af yaa’iin mana maree naannoo Abiijaan Diidiyar Diroogbaan nama biyyasaa jaalatu ta’uu isaa ibsuun galateeffataniiru.
 
Diidiyar Diroogbaan hoospitaalicha kan ijaarsise wallaansa daa’immanii fi haadholiif ture.
 
Biyyattiin magaalaa Abiijaanitti hoospitaalota 13, akka biyyaatti ammoo iddoolee 45tti ittisa weerara vaayrasii koroonaatif qopheessiteetti.
 
Biyyattiin namoonni 574 vaayrasichaan qabamuu fi namoonni 5 lubbuu isaanii dhabuu beeksisteetti.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.