Fana: At a Speed of Life!

Dirree Dawaatti buufataaleen filannoon akka itti hin gaggeeffamne dhorkamanii turan 6 guyyoo boruu akka gaggeeffamu murtaa’e

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2013 (FBC) – Boordiin Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa Bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaatti buufataaleen filannoon akka itti hin gaggeeffamne dhorkamanii turan 6 guyyaa boruu akka gaggeeffamu murteessuu ibse.

Buufataaleen kunneen beekkamtii boordichaan ala galmeen filattootaa gaggeeffameera jechuun filannoon akka hin gaggeeffamne murtoon darbee ture.

Yaa ta’uutii Komii fi gaaffii paartileen siyaasaa fi ummanni dhiyeessaniin filattoonni mirga filachuu waan qabaniif Boordiin Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa buufataalee kanneenitti filannoon akka gaggeeffamu murtoo dabarsuu ibseera.

Filattoonni kaardii filannoo kana dura ittiin galmaa’aan qabachuun akka haaraatti irra deebiin galmaa’uun filachuu akka danda’an boordichi ibseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.