Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy AgarsiisaTurizimii fi Hospitaaliitii biyyaalessaa banan

Finfinnee, Fulbaana 29, 2016 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad agarsiisa Turizimii fi Hospitaaliitii biyyaalessaa bananiiru.

Lammiileen Itiyoophiyaa hundi qabeenya biyyattiin qabdu beeksiisuu akka qaban Dooktar Abiy ibsaniiru.

Seenaa hedduu, hambaalee, aadaa, kennaawwan uumamaa, simbirroowwan, Bineensota Bosonaa fi qabeenya uumamaa dinqiisiisoon daawwatamuu qaban tilmaama keessa galchuun Turizimiin Utubaa damee Diinagdee ta’uu isaa ibsaniiru.

Agarsiifni biyyaalessaa har’a baname daawwattoonni iddoolee ga’umsa Turizimii Itiyoophiyaan qabdu samuudaan akka ilaalaan carraa kan uumu ta’uu kaasaniiru.

Kuufama qabnu baasuun miidhaginaa fi Iddoolee hawwatu Itiyoophiyaan qabdu beeksiisuun qooda lammiilee biyyattii hundaa ta’uu eeraniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.