Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad bakka bu’oota hawaasaa Naannoo Tigraay waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 6, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad bakka bu’oota hawaasaa Naannoo Tigraay irraa walitti baba’an waliin mari’ataniiru.

Dhimmoota bu’aa qabeessa ta’anirratti mari’achuu Dooktar Abiy fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Nageenyaa fi Misooma naannichaa mirkaneessuuf yeroo hunda murannoo cimaa qabna jedhan.

Mariin bakka buutoota hawaasaa kanneen waliin taasiifnes kaayyoo waloo qabnu milkeessuuf humna dabalataa kan uumu ta’a jechuun ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.