Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad eegaluu barnoota bara 2013 ilaalchise ergaa dabarsan

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad eegaluu barnoota bara 2013 ilaalchise ergaa dabarsan.

Weerara vaayrasii koroonaatin booda barnoota eegaluuf baga gammaddan jedhaniiru.

Barattoota oolma daa’immanii hanga dhaabbilee barnoota olaanoo, manneen barnoota mootummaa hanga dhuunfaatti jiraan hundaaf erga dabarsaniiru.

sababa weerara vaayrasii koroonaatin murtoon jalqabarratti murteessine lubbuu dhaloota boruu biyya dhaaluu hambisuufi yaadameeti, manneen barnoota ariitiin cufuu fi tarkanifiiwwan murtoo fudhachuun balaa fi sodaa weerarri vaayrasichaa qaqqabsiisuf malu haalan hir’isuun danda’ameera.

Wayita COVID-19 muul’ate dandeettin vaayrasicha ittisuu, qorannaa gaggeessuu fi yaala taasisuu keenyaa hedduu gadi bu’aa ture, kanaaf kan manneen barnootaa cufneef.

Biyya keenyaatti erga namni vaayrasii koroonaatin qabamuun isaa beekamee baatiwwan 7 darbaniiru.

Ogeeyyiin fayyaa, dhaabbileen fayyaa dhimmicharratti dandeetti ogummaa fooyya’aas argataniiru.

Yeroo ammaa kanas dandeettiin qorannoo keenya dabaluun, hawaasni dhimma dhibicha ittisuuf hubannoo ga’aa argateera.

Meeshaaleen ittisa vaayrasiicha salphaatti argachuun ni danda’aama, mana keessaatti hojjeetamuu eegaleera.

Wantoota akkasii tilmaama keessa galchuun kanaa ol manneen barnoota cufamanii turuun isaanii gaarii miti, dhaabbileen fayyaa idil addunyaa fi ogeeyyiin fayyaa vaayrasiin koroonaa waggoottaniif itti fufuu waan maluuf kana tilmaama keessaa galchuuni.

Guyyoota kanneen alattis barattoota mana keessaa tursuun faayidaasarra dhiibbasaatu caalaa, barattootarras dhibbaa xinsammuu ni qaqqabsiisaa, barattoonni tokko tokkos barnoota isaanii dhiisuun wantoota biroorratti akka bobbaa’an ni taasisa, araada adda addaa keessaa isaan galcha, karaa biraan ammoo gaa’ilaa umrii maleef saaxilamuu danda’uu.

Kanafiis falaa warawaa ka’uuf of eeggannoo taasisuun barnoota eegaluudha.

Meeshaaleewwan vaayrasii koroonaa ittisuuf tajaajilaan manneen barnootaa hundaa keessaatti guutuuf hojjetama jira.

Manneen barnootaa, biiroo fayyaa, pooliisootaa fi matii barattootaarra dirqaamni kaa’ameera.

Maatiin barattootaa daa’imni isaanii haguugduu afaanii funyaanii akka kaawwatan, harka isaanii irra deddeebiin akka dhiqataan, hanga dandeettiin eeyyameen saanitaayizaraa ykn alkoolii qabatanii akka argaman, fageenya isaanii eeggachuun akka socho’aaniif maatiin yeroo hundaa akeekkachiisu qabu.

Jaalatamtootaa barattootaaf

Biyyi keenya Ityoophiyaan isiin barbaaddi, maatiin keessaan isiin barbaaduu, kan isiin beekuu fi isinitti dhiyaatu hundi isin barbaada,vaayrasii koroonaatin walqabsiisee of eeggannoo taasisuu dhabuun gatii guddaa waan nu kaffachiisuuf of eeggannoon isin irraa adda hin ba’iin, dhimmichi dhimma lubbuuti, dhimma dhaloota dhufuuti jechuun erga dabarsaan.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.